Olmaa Dhaddachaa

Manni murtii Waliigala Oromiyaa dhaddachi dhaabbii damee jimmaas, dhaddacha gaafa 29/03/2015 ooleen mormii sadarkaa duraa gama abbaa alangaatiin ka’e sadan seerota rogummaa qaban waliin xiinxaluun mormii sadarkaa duraa ka’an sadaniif fudhatamummaa  kennuun himannaa dhiyaate kufaa taasiseera. Bu’uuruma kanaan, qarshii fi lafti qabiyyee olitti ibsame mootummaa irratti akka hin murtoofne kaazinaa mootummaa irraa  ittisuun danda’ameera. Insurance Education marketing & advertising Online Banking finance & investment medical lifestyle photography & film making software automotive web hosting

Murtii Kana Irraa Haa Barannuu

Irraa Haa Barannuu

Waajjira abbaa alangaa godina jimmaattii galmeen yakka ajjeechaa cimaa himatamtoota Jara Biruk Baharuu fa Namoota toorba irrattii murtii adabbii hiidhaa umrii guutuu hanga adabbii hidhaa salphaa ji’a jahaattii akkaataa raawwii fi hirmaannaa Himatamtoonni yakkicha raawwachuu irrattii qabaniin  mana murtii ol’aanaa godina jimmaattii dhaddachha yakkaa gaafa guuyyaa 30/03/2015 oleen murtii laateeraa.

Haallii Himatamtoonni yakka ajjechaa kana ittii raawwatan wal xaxaa ta’uu isaatiin akkasumas haallii raawwii yakkichaa akka malee haameenyummaa kan qabuu waan tuureef qorannaan yakkaa waajjira abbaa alangaa aanaa omo naaddaa fii Poliisii aaniichaatiin qorannaa gadii fagaataa taasiifameera. Gama kanaan waajjirri abbaa alangaa godina jimmaas hordooffiifii to’annoo addaa galmee kana irrattii taasiisuun garee yakkiicha kana waajjira abbaa alangaa aanaa omoo naaddaa  walin taasisuu qajeelchaa polisi godina jimmaa faana bu’ureessuun qorannoo gadii fagaataa ta’ee erga taasiisern booda himatamtoota namoota torba irrattii jeechunis:-

Himatamaa tokkoffaa hanga himatamaa jahaaffaa maqaan isaanii armaan gadii tarreeffamee irrattii himannaa ajjechaa ciimaa walin rawwachuu isaaniitiin himatee turee. (HB- maqaa himatamtoota humdumaa himannaa abbaan alangaa humdeesee walin wal qabsiifnee jiirraa ilaalaa)
Himatamtoota 2ffaa hanga 7ffaa jiran irrattii ammoo seera yakkaa bara 1996 bahee kewwata 445 irra darbuun namoota yakka raawwatan Dhoksuu fi gargaaruun yakka rawwachuu isaanitiin himatamanii turan

Maarree himannaan abbaan alangaa dhiheessee kan armaan gadii turee

Himataan :-  Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

Himatamtoota

Biruuk (Abukii) Bahaaruu Haajii
Umurii – 22 ,
Hoji- Gargaaraa konkoolaataa ,
H/Maatii – qaba
Uzeefi She Kaliil A/Fiixaa
Umurii – 16 ,
Hojii- Barataa ,
H/Maatii – hinfunee
Saamu’eel Addunyaa Tashoome
Umurii – 18 ,
Hojii- Barataa ,
H/Maatii – hinfunee
Teessoon himatamtootaa 1ffaa hanga 2ffaa jiran:- G/Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Naaddaa Ganda 01
Saabiit( Gissaa) A/Jabaal A/Maccaa
Umurii – 22 ,
Hojii- Q/Bulaa ,
H/Maatii – hinfunee
Umar Awwal A/Maccaa
Umurii – 16 ,
Hojii- Q/Bulaa ,
H/Maatii – hinfunee
Eliyaas Haajii Kaliifaa Waarii
Umurii – 23 ,
Hojii- Daldalaa ,
H/Maatii – hinfunee
Naajii A/Giddii A/Bulguu
Umurii – 23 ,
Hojii- Q/Bulaa ,
H/Maatii – qaba

TeessoonTeessoon himatamtootaa 4ffaa hanga 7ffaa jiran ammoo:- G/Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda  Bisoo Gonboo

Himata 1ffaa Himatamtoota 1ffaa haanga 6ffaa jiranu irratti

                              Yakkichii

S/Yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 32(1)A, 35 fi 539 (1)A irra darbuun yakka Ajjechaa Lubuu namaa Cimaa rawwatamee dha.

Tarree Yakkichaa

Himatamtootni kun ta’e jedhani itti yaadani nama ajjeessuuf jecha garee dhaan ta’aani korachuun (maryyachuun) Godina Jimmaa A/Oomoo Naaddaa Magaalaa Naaddaa ganda 01 bakka addaa naannoo TPH(tajaajila poolisii hawwasaa) jedhamutti gaafa guyyaa 24/12/2014 mana dhugaatti Abbiyyot jedhamu keessatti maryyachuun gaafa 25/12/2014 haalkan keessaa tilmaamaan sa’aatii 2:30 yemmuu ta’u sababa himatamaa 1ffaa waliin haaloo walirraa qabanuuf  miidhamaa(du’aa) Admaasuu Idiriis jedhamu osoo mana isaatti galaa jiru eegatani Gajaraafi Cubee qabatani jiranuun haarka Mirgaa Irree irra rukuutani lafee haarkaa cabsuun, Mataa gara gadii, Adda isaa irra, Fuula isaa irra fi Morma isaa gara bitaa fi mirga irra bakka adda addaa rukuutani(waraananni) bakka inni kufeetti dhagaa dhaan rukkuchuun waan ajjeesaniif yakka ajjechaa Lubuu namaa cimaa garee dhaan rawwachuun himatamaniru.

Himata 2ffaa Himatamaa 7ffaa qofa irratti

                              Yakkichi

S/Yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 445 irra darbuun namoota yakka raawwatan Dhoksuu fi gargaaruun yakka rawwatamee dha.

Tarree Yakkichaa

Himatmaan kun ta’e jedhe itti yaadee raawwatoota yakkaa nama ajjeessan Dhoksuu fi gargaaruuf jecha Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa Ganda  Bisoo Gonnboo bakka addaa mana jireenyaa isaa keessatti gaafa 25/12/2014 haalkan keessaa tilmaamaan sa’aatii 3:30 yemmuu ta’u  himatamtoota maqaan isaani olitti ibsame  himatamaa 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa , 5ffaa fi 6ffaa waliin ta’un  miidhamaa(du’aa) Admaasuu Idiriis jedhamu osoo mana isaatti galaa jiru eegatani Gajaraafi Cubee qabatani jiranun qaama isaa bakka adda addaa rukuutani ajjeessani mana isaa dhaqani meeshaa yakka ittin raawwatan waliin mana isaa keessa dhoksee bulchee shakkamtootni akka miliiqanuuf waan gargaareef yakka shakkamtoota Dhoksuu fi gargaaruu waan raawwateef himatamanii jiruu kan jedhuu turee.

Mannii murtii ol’aanaa godina jimmaas bu’ura himata abbaa alangaatiin  godina jimmaatin dhihaateettii enyummaa himatamtootaa mirkaneeffachuun yakka ittii himataman dhaddacha irrattii afaan isaaniif galuun erga dubbiseefii booda jecha amantaaf waakkii himatamtootaa kan fuudhee yommuu ta’u Himatamtoonni hundinuu yakka ittii himataman kan hin raawwannee ta’u waakkachuun kan falman waan ta’eef abbaan alangaa ragoota isaa dhageesisee  ragaa namaa fi sanadaa abbaa alangaatiin dhihaatee yakka kana Himatamtoonni raawwachuu isaanii shakkidhaam olitti waan mirkaneesseef himatamtoonnii akka of irraa itifatan jedhamuus himatamtoonnii waan  ofirraa ittiisuu hindandeenyeef murtii ballessuummaa himatamtoota hundumaa irrattii bu’ura himannaa dhihaateen erga laateen booda dhaddacha gaafa guuyyaa 30/3/2015 oleen murtii adabbii

Himatamaa Biruk Bahiruu irrattii:- murtii adabbii hidhaa umrii guutuutiin
Himatamaa uzefii She Kalifa irrattii:- Murtii Adabbii Hiidhaa Ciimaa Woggaa 18
Himatamaa 3ffaa Samu’eel Adunaya irrattii :- Murtii adabbii Hiidhaa Ciimaa wooggaa 20
Himatamaa Saabiit( Gissaa) A/Jabaal irattii:= Murtii adabbii Hidhaa Cimaa Woggaa 20
Himatamaa Umar Awwaal irratti :- murtii adabbii hidhaa ciimaa woggaa 20
Himatamaa Eliyaas Haajii Kaliifaa irrattii :- Murtii adabbii hidhaa ciimaa woggaa 20
Himatamaa Naajii A/Giddii irrattii :- Hiidhaa salphaa baatii jahaatiin adabee jiiraa.

Goochaa hammenya akkanaa irraa rabbii isin haa baraaruu jeecha dabalata argachuuf websaayitii waajjira abbaa alangaa godina jimmaa

Verified by MonsterInsights